idessa primary hospital found in B/Bedele zone ,Didessa woreda ,Dembi town.
It is 59 Km far from Bedele and 420 from Addis Ababa .
It started giving services on 04/07/2010 E.C in few health workers.
It serves for a total of 335,390 Catchment population
Our mission is to provide top-notch medical care to all individuals, regardless of their background or income. We strive to reduce mortality rates and improve the overall well-being of our community. With a team of dedicated professionals, we are committed to making a positive impact on people's lives.
1
Our primary care services include routine check-ups, vaccinations, and treatment for common illnesses.
2
Our OR team of provide CS, Major and Minor Surgery and more.
3
Our emergency care services are available 24/7 to provide immediate medical attention in case of any urgent health concerns.
4
We offer comprehensive maternity care services for expectant mothers, including prenatal care, delivery, and postnatal care
.
At Didessa Primary Hospital, we believe that quality healthcare should be accessible to all. That's why we offer affordable services and accept most insurance plans.
We prioritize our patients' needs and provide personalized care to ensure the best possible treatment and experience.
Karoora maatii
(Family Planning)
👉Karoorri maatii mala yookiin toftaa ulfa ittisuuf yookiin daa’ima walirraa siksanii da’uuf gargaarudha.
🔭Gosootni karoora maatii ammayyaa kan
1. yeroo gabaabaa
💊kininii,
💉lilmoon kan kennamu,
📍kondomii
2. kan yeroo dheeraa
📿IUCD,
🪄Implanti fi
⏰kan umurii guutuu (Vasectomy, Tubal ligation) kanneen keessaa maamilli fedhii, umurii, haala fayyummaa, fi baay’ina ijoollee barbaadan bu’uura taasifachuun gorsa ogeessatiin deeggaramanii filannoosanii murteeffatu. .
🙏
Garaa ciniinnaa
daa'immanii!
(Infantile colic, baby colic)
😫Daa'imman guyyaatti hanga sa'aatii 2 boohuu ni malu. Kuni nagaadha. Daa'imman guyyaa tokkotti osoo adda hin muriin sa'aatii 3 ol yoo boohan Cininnaa garaa kan agarsiisu taha. Innis akka tasaa (suddenly) kan eegaluu fi yeroo hedduu halkan baayyata. Yeroo hedduu dhalatanii baatii 1 irraa eegaluun hanga baatii 4 turuu mala. Daa'imman muraasa irratti hanga baatii 6 turuu mala. Garuu ofumaan dhaabata.
😕Boohicha garaa ciniinnaa fi kan nagaa akkamiin adda baasnaa?
👀ol ka'uu sagalee
👀Sossobamanis (soothing) dafanii hin dhaaban
👀harka fi miila diriirsuun akkasumas dugda duubatti deebisuun hiixatanii boohu.
✍️Yogguu sanatti maal gochuu qabnaree?
👉Hoosiftuu afaan kaahuun akka tasgabbaa'an gochuu
👉Irree ofii irratti baadhachuun ofitti qabuu
👉Duugdaan ciibsuun garaa isaanii suuta sukkuumuu
👉Bakka callisaa geessuu n sossobuu
👉Bishaan ho'aan qaama dhiquu
👉Uffata furdaan maruun ol fuudhanii sossobuu
👉Yoo sa'aatii lamaa ol tahee fi mallattoolee biraa qabaatan hakiima bira geessuun ilaalchiisudha.
🙏Yaalaafi gorsa dhiibee daa'imman kamiifiiyyuu Gara Hospitaala Keenyatti Kootaa
✍️ Dhukkuba Busaa (Malaria)
👉 Dhukkuba Busaa (Malaria) fi Toftaalee Ittisaa
Dhukkubni Busaa dhukkuba bookee busaatin(Anopheles mosquito) daddarbu ta’ee yeroodhan yaalii yoo hin argatin miidhaa cimaa fi du’aatii kan fiduudha.
👉 Mallattoolee dhukkuba Busaa
Ho’ina qaamaa fi dafqisiisuu, qorrisiisuu, qaamni hurgufamuu, dhukkubbii mataa, maashaa fi laphee, rakkoo afuura baafachuu, qufaa akkasumas, mallattoolee ciccimoo akka: of wallaaluu, socho’uu, nyaachuu fi dhuguu dadhabuu, jeeqamuu, ijji gara bifa keellotti fi fincaan gara bifa kokaa kollaatti jijjiiramuu fi ol deebisa cimaa ni qabaata.
👉 Karaalee ittisa dhukkuba Busaa
• Agoobaratti fayyadamuu
• Qulqullina naannoo eeguu
• Bishaan kuufame dhangalaasuu
• Mallattoon dhukkubbi yoo jiraate dafanii yaalamuu
🔑 YAALII DHIIBBAA DHIIGAA QORICHAAN ALAA
🍚1. Ashaboo hir'isuu: Nyaata Soogidda/ashaboon itti baay'ate nyaachuun dhiibbaa dhiigaa fida. Namni tokko guyyaatti ashaboo fal'aana shaayii 1 fudhachuu qaba. Ittoon shiroo/barbaree
qabutti ashaboo dabaluun hin barbaachisu
⛹️2. Sosochii qaamaa taasisuu: Torbanitti guyyaa 4'f daqiiqaa 30'f sochii qaamaa taasisuun dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa. Sochiin taasifamuu, dafanii deemuu, fiiguu, wadaroo irra utaaluu, hojii humnaa hojjachuu, jiimii galuu
⬇️3. Ulfaatina hir'isuu: Ulfaatina dabaluun dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa waan ta'eef, ulfaatina giddu galeessa qabachuu barbaachisa.
🍦4. Nyaata coomni fi waan mi'aawaan itti baay'atu nyaachuurraa of qusachuu fi muduraa fi kuduraa baay'isuu.
🥃5. Alkoolii dhuguu dhiisuu. Alkoolii baay'isuun dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuboota biroo hedduuf nama saaxila.
🚭 6. Sigaaraa xuuxuu, chaatii qama'uu, buna baay'inaan dhuguu fa'a dhiisuu
..😁 7. Yeroo mara dhiphachuu fi aaruu hir'isu
Add Image
Add Image
Add Image
Get latest updates about our products and offers directly in your inbox.
+251 941 54 35 97